Yeroo Gannaa Bikka Konkolaataa Dhaaban Baruu kan Feesisu

Yeroo Gannaa Bikka Konkolaataa Dhaaban Baruu kan Feesisu

Warri karaa irraa cabbii haxaawan daandii guutuu irraa akka mishaatti haxaa'uuf akka danda'aniif jecha, Minneapolis yeroo gannaa konkolaataa daandii irra dhaabatan kan laalu dambii qaba. Dambiileen kunis konkolaataa karaa irra dhaabamu haala kanaan gadii wajji laala:

  • Cabbii hedduu bu'uusaa fuundura fi yeroo inni bu'aa jiru,
  • Cabbii hedduu bu'uusaa booda fi,
  • Hedduu bu'uu irraa kan ka'e yoggaa cabbiin tuulamee jiru.

Dambiin kun akkaataa warri karaa haxaawan makiinota karaa irra dhaabtan kaasanii daandii gamaa gamanatti, lafa makiinaan dhaabamu dabalatee, haxaawuu danda'an sirna lafa kaa'a. Konkolaataan, caalaatti warri dhimma sardamaaf bobba'an, akka gaariitti ganna guutuu deemuu akka danda'aniif karaa guutuu haruun akka danda'amu mijeessuuf dambiin kun, gargaara.

Seericha hubattee faana bu'uun, waan qooda keetii raawwadhu.

Warri Minneapolis keessa jiraatan fi warri deddeebi'an kan konkolaataa karraa irra dhaaban cufti, karaan akka haxaa'amu gargaaruuf, haala qilleensaa hubachuun fi yeroo gannaa seerra konkoolaataa karraa irra dhaabuu ilaalchisee jiru hubachuun irraa eegama. Baatiilee cabbiin bu'u keessatti (Sadaasaa hanga Caamsaatti) seerri kun yoom hujii irra akka oolu hubachuuf, gurra qeensuun gaarii dha.

Namootni Minneapolis laaluuf, waa bituuf, bashannanuuf dhufan seera kana dagachuun isaanii akka malu yaadadhu. Keessummaa kee, warra sirraa waa bitan fi siif kan hojjetan hundatti winter parking rules fi yeroo gannaa konkolaataa dhaabuu itti himuun gargaaruu ni dandeessa.

Tahuu Baannaan Tiiketa argachuu ykn Konkolaataan Harkifamuun ni jira

Warri Sardama Cabbii fi seera yeroo gannaa konkolaataa dhaabanii hin kabajne, tiiketa argachuu fi konkolaataan isaanii bikka Minneapolis Impound Lot jedhamutti harkifamuun ni jira.

Yeroo Gannaa Akkeekkannaa Haala Konkolaataa itti dhaabanii tahuu malan

  • Akkeekkachiisa Bokkaa Jabaan Dhufaa Jiruu. Bookkaa jabaan dhufaa akka jiru yoo raajame, bokkaa san fuundura bikka tokko tokko akka konkolaataan hin dhabbanne Minneapolis yeroof tolchuun ni mala.

    Seericha:
  • Sardama Cabbii. Cabbii hedduun erga bu'ee booda, guyyaa kamuu Magaalichi sa'a 6 w. b. dura Sardama Cabbii labsuu ni danda'a. Kun guyyaa sadiif toora konkolaataan itti dhaabbachuu danda'u seera irra oolcha. Hubannaa caaluuf, "Sardama Cabbii" bikka jedhu kanaan gaditti laali.

    Seericha: Snow Emergency parking rules bikka jedhu dhaqiitii, ibsa caalu laali.
  • Milikkita Yeroofii. Karaa fi daandiileen mana jidduu osoo Sardamni Cabbii hin labsamin haxaa'amuun, cirrachi fi ashaboon itti firfirsamuun ni jira. Konkolaataan akka hin dhaabamne kan dhowwu milikkitni yeroof akka barbaachisetti ni kaa'ama.

    Seericha : Akka milikkita san irratti ibsamutti waan dhorkamu hubadhu.
  • Dhowwama Dhaabbii Konkolaataa Yeroo Gannaa. Bikka yeroo gannaa cabbii hedduun bu'ee karaa dhiphisutti, Magaalichi, Dhowwa Dhaabbi Konkolaata Yeroo Gannaa hojii irra oolcha.

    Seericha:


    Hubbannaa Barbaachistuu: 
    media outlets (kanaa gaditti laali) qaceelffama yeroo Dhorka Dhaabbii Konkolaataa Yeroo Gannaa, akka itti konkolaataa dhaabanii hubadhu.

Yeroo seeronni kun itti dirqisiifaman akkamit ani bara? Yogguu cabbii hedduun akka bu'u raajamu cufa, caalaatti immoo yoggaa inni itti bu'uu jalqabutti, warra kanaa gadii keessaa karaa isa tokkoo seerolee keessaa kam hujiirraa akka oolan baruu ni dandeessa.

Sa'a 24 banaa kan taate toorbelbeltuu yaami: (612) 348-7669; TTY: (612) 673-2157

Karaa Kompuuteraa e-mail kee Laali.

Kan Magaalichaa tajaajila email snow alert galfattee yeroo Sardamni Cabbii labsamu fi seerri dhaabbii konkolaataa yeroo gannaa hujii irra yoggaa ooluu ergaa argachuu ni dandeessa. Bara kana immoo itti dabaltee, karaa telefoona harkaa (selfoon ykn PDAS) yeroo sardamni cabbii labsamutti dhaamsa gabaabduu argachuu ni dandeessa.

Kan Magaalichaa (Minneapolismn.gov) banii laali

Karaa Xurree Keebilaa14, 79 or KBEM-FM (88.5 MHz) laali/caqasi

Battala labsiin Sardama Cabbii bahetti, magaalaan Minneapolis toorbelbeltuu san, 348-SNOW (348-7669) dirree kompuuteraa fi xurree keebilaa 14 fi 79, ni haaressa, dhaamsa karaa email snow alert warra galmaa'aniif ni dabarsa; akkasumas televiishena warra gurguddaa afran, dhaabiilee radiyoo 11 fi maxansitoota gaazexaa gurguddoo sadani tti ni dabra.

Contact us

 

Minneapolis 311

 
 

Office hours

7 a.m. – 7 p.m.
Monday – Friday