Pirojektii Gabaa Ganda Afrikaa kan ummataa

Page Summary

About

Wayee Bakka kanaa

Magaalaa Minniyaapoolis Paarkii West Bank Lot A irratti argamu gara Iddoo Aadaa Haaraa tahetti jijjiiruuf kan barbaadu tahu isaa beeksisa.Iddoon kun yeroo amma konkolaataa 93’f tajaajila turtii kennafitti kan jiru yommuu tahu,bakki argama isa immoo 1500 4th St. S irratti kan argamudha.Iddoon kun bakka yakkaa fi dhimmi rakkoo sodaa nageenya uummata itti mudatu tahudhaan yaadatama. 

Bakki ‘’parking lot A’’ kun sababa adda addaadhaaf iddoo baayyee murteessa fi barbaachisaa dha. Iddoon argama isa daandii baabura lama kanneen magaalaa Minneapolis fi Saint Paul akkasumas immoo Giddu Gala Gabaa guddicha Ameerikaa,’’Mall of America’’ fi bakka buufata xiyyaaraa, wal qunnamsiisu irratti argama. Dabalatan illee iddoon kun kaampaasiiwwan yuuniversiitii Minnisoota fi yuuniversiitii Augsburgiif dhiyeenya irratti argama. Akkasumas Lot A n aanaa daldalaan guddataa jiruu gidduutti argamaa.

Magaalichi bakka turtii konkolaata A kallattii gara kaabaatti argamu fi abbaan qabeenyummaansa Hennepin county tahe kana bitudhaaf fedhii kan qabu dha. Iddoon kun bal’ina lafa iskuweerii fiit kuma sagaltam sadii(93,000 square feet) kan qabu yammuu ta’u, iddoon kunis naanno Gabaa Aadaa Afrikaaf haara’a uuma. 

Mul’ata Ammaa

Pirojektiin Misooma Ganda Afrikaa kun:

  • Giddu galli gabaa haaraa kan iddoo itti tajaajila qinxaaboo fi sochii daldala xixxiqqaa hawaasaa Afrikaa fi warreen Afrikaa hin taanef ooludha.
  • Carraa hojii diinagdee warreen haaraa hojii eegalaniif uuma akkasumaas immoo gara fulduratti abbootiin qabeenya daldala isa kana irratti hunda’udhaan akka guddataniif carraa uuma.
  • Mamiltoota baayyee hawwachudhaan qabeenya guddaan gara hawaasaa baldhaa West Bankiif akka argamu taasisuu keessatti shora ol’aanaa ni qaba.
  • Carraa mana jireenya hawaasni gatii madaalawadhaan akka argataniif illee ni oola.

Gandi Afrikaa kun karoora diinagdee keessatti qooda fudhannaa fi misoomaa fi guddisu hawaasa naannoo Cedar River Side iif barbaachisaa ta’anis xiyyeeffannoo keessa kan galedha. Aanaan kun itti gala dinagdee daladala hawaasa godaantotaa naannoo kana jiraataniif kan saxaxamee dha.

Aanaan aadaa kun ifaa gaarii, balfa karaa irraa kaasuu dabalatee biizinesoota kallattii kanarra jiraniif fayidaa dha ammas magaalaa Minneapolis investimentii dhaf hawwata

Kaayyoolee misoomaa

Kaayyoon misoomaaf bulchiinsi magaalicha
iddoo kana irraa qabu:

  • Giddu galli gabaa haaraa kan iddoo itti tajaajila qinxaaboo fi sochii daldala xixxiqqaa hawaasaa Afrikaa fi warreen Afrikaa hin taanef ooludha
  • Giddu galli gabaa kun tajaajiila hawaasa kanneen akka manneen jireenya, biiroolee, kilinika,bakka bashannanaa sagantaa oolma dargaggoota ni qabata.
  • Ijaarsi iddoo kana kun gamoo gurguddaa hanga fooqii 10 fi isaa ol ni qabata
  • Karoorri isa namoota miillan deemaniifis tahe ‘’bike’’ oofudhaan gara daandii baabura xiqaa Greeen Line West Bank deemaniif illee wal qunnamsiisudhaan haala mijeessudha
  • Namoota miillan deemaniif immoo naannicha magariisaa fi hawwataa taasisudhaan karaa daandii cina dabarsu’’sidewalk’’ dabalatan mijeessudha
  • Bakka uummatni konkolaataa amma tursiisuus tahe gara fulduratti tursiisuu danda’u mijeessudha
  • Bakka bakka makiinaa dhaabanii yaada

Hirmaannaa Hawaasaa

Akka guddinni magalaaa keenya dabala adeemudhaan nuyis xiyyeeffannoon keenya jiraattota, biizinesoota, dhaabbilee ollaa jiraniifi hawaasa keessaa warra dhimmi isaa ilaalu hirmachisuu dha.

  • Wantoonni furtuu ta’an fi Gaaffiin Yaada Karoora/wixinee hojii Paarkii Lot A ilaalchise jedhamu karoora mul’ata Waldaa Biizinesii West Bank (WBBA) kan REF bara 2012 dhiyaates xiyyeeffannoo keessa galfamudhaan karoora kana keessa galchee jira.
  • Kaayyoon misooma - osoo yaadni misooma kun hin ibsamne dursinee qaamoota kanneen akka ‘’West Bank Business Association’s (WBBA), Cedar Riverside Partnership (CRP) fi olloota jedhamaniif karoorri hojii isa dhiyaate erga illaalame,yaadnis itti kennamudhaan hojii irraa kan oolu ta’a
  • Erga yaadi karoora misooma kun fudhatame boodde immoo waltajjiin marii dhaabbillee kanneen akka WBBA, CRP fi kanneen olla waliin gaggeeffamudhaan yaadni irratti akka kennamu ni taasifama
  • Gareen misoomaa karoora kanaaf filatamanis itti fufinsan dhaabbillee kanneen akka WBBA,CRP fi olloonni isaa hanga raawwii misoomichatti wal qunnamtii isaanii kan itti fufan ni taha.

Pirojektiin Gabaa Ganda Afrikaa kunis komiishinii karoora fi Mana Maree
Magaalaadhaan keessa deebi’amee ilaalama.

  • Koreen sagantaa Komishiinii waliigalaas osoo murtoo raawwii isa xumuratti hin seenee sagantaa pirojektii kana sirrittii ni madaala. Erga Komishiinii Karooraa Waliigalaas dhimma hojiicha madaalen boodde immoo, yaada jijjiramaa akkaataa kamiin warri ijaarsa geggeessan hojii irraa akka oolchan gaafata ykn yaada kenna.
  • Komishiiniin Karoora aangoo dhimmicha mirkanneessus tahe didudhaan harkatti kuffisudhaan ijaarsichi akka itti hin fufne gochu ni qaba. Yoo karoorri kun hin darbin karaatti hafee;koreen dhimma karoora hojii pirojektii kana komii isaanii Mana maree Magaalaaf dhiyeeffachu ni danda’u yookiin immoo mirga qabu.
  • Erga adeemsa kana keessa darben boodde Mana Maree Magaalaatti koreen Guddina Diinagdee fi Tajaajila Qajeelfamaa Seeraa (EDRS) waliigalteen gurgurtaa lafaa kun dhaggeetti uummatan akka gahuf uummanni yaadaa isaanii akka ibsatuuf carraa kennuun dirqama.

Dhuma irratti Mana maree Magaalaa guutummaan guututti waliigalte sanadaa fi gurgurta lafa kanaa mirkanneessudhaan hojii itti aanutti pirojektichi akka darbudhaaf murteessu qaba.

Contact us

Community Planning & Economic Development (CPED)

Address

Public Service Building
505 Fourth Ave. S., Room 320
Minneapolis, MN 55415